(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 26,2009) MOA akka gabaasetti godhanitti, hojjettootni Extnshinii Fayyaa Oromiyaa hedduun miidhaa isaan irra gahaa jiru mormuun kellaa fayyaa cufanii hojii dhaabanii jiran.
Ogeeyyotni Extenshinii Fayyaa kunniin hojii kallattiin itti leenjifamanii fi barataniin ala kaabinee OPDO gandaa jedhamanii ummata akka basaasan, miseensummaa wayyaanee akka fudhataniif dhiibbaan kan irratti godhamaa jiru oggaa ta’u, ganamaa fi galgala walgahii xumura hin qabneenis gidirfamaa jiraachuun ifa ta’eera.
Mirgi namummaa isaanii akka daangeffamee fi mirgi barachuuf qabanis akka duraa sarbame ogeeyyota kanneen waabeffachuun maddeen keenya ibsaniiru.
Gargaarsi maallaqaa sagantaa fayyaa ummataa kanaaf jedhamee biyyoota alaa irraa argamu ummata bira kan hin geenyee fi isaanis kan ittiin hojjechaa jiran akka hin taane ragaa bahaniiru.
Maallaqni gargaarsaan argamu sagantaa siyaasaa wayyaanee barsiisuuf oolfama kan jedhan hojjettootni Extenshinii Fayyaa Oromiyaa, gargaarsa daa’immanii fi haadholeef jedhamee maallaqa UNICEFn kenname keessaa qarshiin miliyoonni 20 ol baatii Fulbaanaa keessa Xoollaayitti siyaasa wayyaanee barsiisuuf oolfame akka fakkeenyaatti kaasuun kan danda’amuu dha jedhaniiru.
Tuqaalee kanneenii fi miidhaa isaan irra gahu irraa hojjettootni Extenshinii Fayyaa Oromiyaa mormii isaanii dhageessisuuf hojii isaanii dhaabuuf akka dirqaman ifa godhaniiru.
******
Godina Baalee keessatti maqaa WBO deggertu jedhuun basaasotni wayyaanee namoota nagaa goolaa jiran.
(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 26,2009)Maddeen oduu keenyaa akka gabaasanitti, sirni Wayyaanee Godina Baalee baadiyoota keessatti basaasota isaa bobbaasuun ummata nagaa maqaa WBO deggertuu fi gargaartu jedhuun hiraarsaa jira.
Basaasotni wayyaanee ummata jeequuf bobbaafaman Baalee Araddaa Barree keessatti ummata nagaa mana isaaniitti itti dhaquudhaan WBO nyaachiftu, gargaartu jedhanii hiraarsaa jiran. Basaasotni Ahmed Mohaammad Abdoo fi Siraaj Abdullaah jedhaman warra ummata goolaa jiru keessatti argamu.
Achuma Godina Baalee bulchiinsa Araddaa Bahimaa keessatti gaafatama kan qabu namni Daannoo jedhamu ummataan liqii mootummaa fi gibiratu isin irra jira jechuun ummata walitti qabee hojii isaanii irraa ittisuu caalaa, hiraarsaa fi hidhaan doorsisaa akka jiru maddeen keenya gabaasaniiru.
Kana malees ergamaan diinaa kun qabeenya ummataa saamaa, lafa qonnaan bultootaa irraa buqqisee gurguruun hiyyummaaf saaxilaa jiraachuun isaa gabaafameera.
MOA